笨鸟先飞
我们一直在努力
2025-01-27 14:44 | 星期一

Barraaq歌词-Keekiyyaa Badhaadhaa

Barraaq歌词由Keekiyyaa Badhaadhaa演唱,出自专辑《Barraaq》,下面是《Barraaq》完整版歌词!

Barraaq歌词

Barraaq歌词完整版

Oromiyaan lafumaa, Oromummaan nafuma

Yaaduma qawwee tumu dhumi jedhan hin dhumuu

Barraaq

Barraaq

Waan qabu waliin qaba waan dhabu waliin dhaba

Kan ayyaantummaa qabu hin eeginaa hin cabuu

Barraaq, barraaq

Barraaq, barraaq

Gaafa guulaa nu guulchisa

Gaafa duulaa nu duulchisa

Waan galgala abbaa eeggatu

Yoo beekkatan guyyaama eeggatu

Goonni diinaan dirree bu'aa

Gaafa xiiqii sabaaf du'aa

Gaafa roorro

Biyyaaf du'aa

Ilmi dhiiraa

Sabaaf du'aa

Gaafa xiiqii

Biyyaaf du'aa

Ilmi dhiiraa

Sabaaf du'aa

Xiyyaara qabsoo keenya hayyootatu bararsee

Beenzilli isaa dhiigaa foon gubee lafee itti cabsee

Mulli'isi Gadaa Musxafaa Harawwee

Qabsoo sirbaa fi dhukaasa qawwee

Eebbisaa fi Usmaayyoon hirmiin ba'amee

Baqqalaa fi Jireenyaan iyyaan dhabamee

Biddeen lafee Daadhii baabura itti daaksifamee

Ittoo foon Haacaaluu Hundeessaatiin godhame

Hin nyaannu jiraan du'aan oodee

Nuti ima baafanna gumaa koodee

Waleen ormaa sirna ofiif kaatti

Dhaleen maalii maa wajjiin kaatti

Bu'aa Qeerroo fi Qarree ce'umsaan wal-garree

Faffacaatii ammaa waa hin jettuuree Lammaa

Shanee fi ABO,

OLF fi KFO

Hin barreen haa bartuu

Oromoodha martuu

Xeepha Maammon lixe suphuuf yaalu ciite

Qe'ee duudhaa galmaa godhuuf qeeraa qalmaa

Shaggarii fi Dirree dhabuu waan hin jirre

Ifannee kulkulchuu alagaan hin bulchuu

Biyya kan keenya

Alagaan hin bulchu

Oromiyaadha

Alagaan hin bulchu

Biyya kan keenya

Alagaan hin bulchu

Oromiyaadha

Alagaan hin bulchu

Gaafa guulaa nu guulchisa

Gaafa duulaa nu duulchisa

Waan galgala abbaa eeggatu

Yoo beekkatan guyyaama eeggatu

Goonni diinaan dirree bu'aa

Gaafa xiiqii sabaaf du'aa

Gaafa roorro

Biyyaaf du'aa

Ilmi dhiiraa

Sabaaf du'aa

Gaafa xiiqii

Biyyaaf du'aa

Ilmi dhiiraa

Sabaaf du'aa

Namni Oromoo taatee qawwee ormaa baatte

Si gaafata seenaan yo saba kee waraante

Musxafaa Huseen ta'ii ofiin beekii

Waraana baattee uummata hin eegiin

Badhoo fi Dawoo Soolee akeekaa

Kaffaaloo miilla itti dhabuu beekaa

Abbaan Gadaa beenu bishaan mataa yaa'aa

Dhaabbatee waliin ilaalaa sabaaf xurree kaa'aa

Diddan Oromoo manni lamaa beekaa

Manneen hidhaaf mana kiraa deegaa

Kun daggala kun biyya ormaa keessaa

Walitti qabaa harca'e wal keessaa

Karrayyuu fi Ittuu oboo maatii torbaa

Sabbuu eegi ulaa weerartuu Argobbaa

Diinagdeen nu cabsuuf Soodaree irra marsuu

Hayyuu keenya hidhaa hin barbaadnu cidhaa

Taaddee dhaame duraa amantiin hafuura

Wal hin nyaannu didaa tokkummaa waa fidaa

Nadhii hin nyaannu gurra garbummaa xumurraa

Hin qabnuu kulkulchuu alagaan nu hin bulchu

Nu Oromoodha

Alagaan nu hin bulchu

Warra lubaati

Alagaan nu hin bulchu

Nu Oromoodha

Alagaan nu hin bulchu

Warra lubaati

Alagaan nu hin bulchu

未经允许不得转载 » 本文链接:http://www.benxiaoben.com/efbdeVVA9Bg5QUwcF.html

相关推荐